Maal Gochuu danda’aa?

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo fuula fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti qabamte.

Halkan rafuu hin dandeenye maal gochuu danda’a?
Hirribni qananiiwan Rabbiin ilma namaa irratti oole keessaa isa tokkodha. Hirriba dhabuu yookiin baay’isanii rafuu irraa kan ka’ee dhukkuboonni baay’een babal’atanii argamu. Kanaafu hirriba waliin yoo rakkoo qabaatte, maal gootaa? Tarkaanfiwwan kanniin hordofi.
1: badii fi cubbuu irraa dheessi. Wanti hanga cubbuu fi badii sammuu namaa quuqu fi cinqu hin jiru. Namni badii fi wantoota fokkuu raawwatu halkani guyyaa boqonnaa hin argatu. Wanti guyyaa hojjataa oolte, halkan sammuu kee quuqu fi jeequn hirriba sirraa ari’u. Kanaafu lakk.1ffaan karaan hirriba gaarii itti argatan, badii irraa dheessudha. Filmii fi saala faallaa waliin akkuma feete ta’uun yoo hirriba dhabde, mataa kee malee eenyullee hin komatin. Read more

Kaayyoo Jireenyaa

Dhalli namaa jireenya keessatti kaayyoo adda addaa qaba. Milkaa’innaa fi gammachuu argachuuf halkanii guyyaa battisa. Kaayyoo ol’aana bocatee fi galmaan gahee of gammachiisu barbaada. Kaayyoo adda addaa qabaachu fi milkaa’inna adda addaa galmaan gahuun addunyaa teenya ijaara, wanta haarawa itti dabala. Ilmi namaa uumaman wanta haarawa hojjachuun guyya guyyaan of gammachiisu barbaada. Garuu wanti inni hojjatu kuni karooranii moo karoora malee? Kayyoo wayiitif hojjata moo kaayyoo malee oli gadi battisa? Kuni jireenya keessatti murteessadha. Kaayyoo akkamituu ilma namaatiif gammachuu fi milkaa’inna itti fufaa fiduu danda’aa? Kaayyoon hundi gammachuu fi milkaa’inna yaaddame hin fidu, mitiree?  Kaayyoo jireenya keenya maal akka ta’e itti yaanne beeknaa? Moo akkanumatti kaayyoo malee jiraannaa? Read more

Furmaata Dargaggeessa Badee

Torbaan darbee dargaggoonni akkamitti fi maaliif karaan akka jalaa bade eerre turre. Har’a immoo Insha Allah, nama karaan jalaa bade akkamitti akka karattı akka deebi’uu danda’u ilaalla. Dhugumatti, ilmi namaa sababa adda addaa irraa kan ka’e dukkana jireenyaa keessatti baduun jireenya gadadoo gaggeessu danda’a. Namni tokko jireenya ofii moo’atuuf, gammachuu fi milkaa’inna argatuuf gaafilee armaan gadii deebiisuuf tattaafachuu qaba. Isaaniis: Read more

Dargaggeessa Karaan Jalaa Badee

Dhugumatti yeroo ammaa rakkoo fi fitnaa guddaa keessa jirra. Galaana fitnaa kana keessatti gosoonni namoota jalqaba nyaataman dargaggoota fi dubartoota. Dhugumatti dargaggoonni yeroo ammaa garam akka deeman malli harkaa bade, dukkanni jireenyaa isaan marse jira. Akkuma haati yoo ilma ofii dhabde raatoftu, dargaggoo fi shamarran ammaas kallattiin jireenya yommuu harkaa badu raata’aa jiru. Haati hanga daa’ima ofii argatutti hirriba gaarii ni raftii? Dargaggoon ammaas hirribaa gaarii ni rafu? Boqonnaa gaarii ni argatu? Sababni raata’u fi dukkana jireenya keessatti baduu maal ta’inna laata? Of gaafanne beeknaa? Maaliif jireenyi natti dukkanoofte jennee beeknaa? Read more

Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

Gaarummaa jechuun amala/aklaaqa gaarii nama hawwatu qabaachu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessudha. Faallan gaarummaa gadhummaa ykn fafee, badaa, fokkuudha. Namni tokko gaarummaa qaba yommuu jennu amalli fi hojiin isaa gaariidha jechuu keenya.

Namoonni gaarummaa wantoota baay’ee keessa barbaadu. Gariin isaanii maallaqaa fi qabeenya keessa, gariin immoo beekkamtii argachuu keessa, gariin beekumsa keessa, gariin immoo aangoo fi kkf keessa barbaadu. Kunniin hundii niyyaan (yaanni) duuba jiru gaarii yoo hin ta’in gaarummatti osoo hin ta’in baditti nama geessa. Read more

Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf: Read more

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu? Read more

Daandii Haqaa

Akkuma kutaale darban keessatti jenne daandiin haqaa lama ta’uu hin danda’u tokko qofa malee. Daandiin haqaa tokko ta’uun namatti dhiphachuun namoonni muraasni kan irra deeman osoo hin ta’iin daandii bal’aa dhala namaa guutu keessumeessu danda’uudha. Daandiin kuni nama kamuuf kan ta’uufi kan gahuudha. Daandiin haqaa kuni bal’achuu qofaa mitii ifaa fi qajeelummaan kan guuttameedha. Nama of balleessu fi kufaati mataa ofi irratti fidu barbaade malee eenyullee daandii kan irraa hin goru. Read more

Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa

Torbaan darbee keessa daandiin haqaa maal akka ta’ee fi warroota daandii haqaa irra fagaatan addeessuuf yaalle turre. Daandiin haqaa karaa tokkicha ilmi namaa badii fi adabbii adda addaa irraa baraaramuun nageenya, gammachuu fi milkaa’inna dhugaa galmaan itti gahuudha. Daandiin haqaa karaa ifaa fi qajeela ta’ee kan dukkanni fi jallinni keessa hin jirreedha. Daandiin haqaa rakkoo ilma namaatif furmaata guutu kan qabuudha. Kanaafu daandiin haqaa kamiin akka ta’e hubachuuf faaydaa armaan olii kan irraa argannu yookiin isa keessatti kan argamu ta’uu qaba. Read more

1 4 5 6 7 8 9