Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.3

D-Bu’aa namni Maqaa “Al-Hayy fi Al-Qayyuum” beeku fi itti amanuun argatuu
1-Rabbii Tokkicha qofa gabbaruu– akkuma barreefamoota darban keessatti ilaalle, “At-Ta’abbud (gabbaruu) jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gaheedha[1]. Jecha biraatin gabbaruu jechuun jaalala guutuu fi of gadi xiqqeessuun Gooftaaf ajajamuudha.