Milkaa’inna Ol’aanaa

Torbaan darbee kaayyoon keenya maal akka ta’e murteessinee turre. Kaayyoo keenya erga murteessine booda milkaa’inni keenya maal akka ta’e tarreessinee jirra. Rabbiin qofa gabbaruun karaa milkaa’innaa fi gammachuu hundaa bana. Teepha fi sakallaa gabrummaa namarraa kaasun faaya bilisummaa fi gammachuu namatti dira. Salphinni kan nama haguugu yommuu Rabbiin ala wantoota biraatiif gadi jedhanii fi bulaniidha. Rabbiin qofa gabbaruun rizqii (soorata) ni bal’isaa malee hin dhiphisu. Osoo sooranni namaa xiqqaa ta’eeyyu keessi isaa gammachuun kan guuttameedha. Namoonni yeroo baay’ee soorataaf dhiphachuun kaayyoo guddaa uumamaniif dagatu. Kuni immoo milkaa’inna fi gammachuu ganda lamaanitu akka dhaban isaan taasisa. Jireenya addunyaa tanaa garmalee jibbanii hundeema tan dhiisaniis miti. Akkasumas garmalee jaallatanii hundeema itti maxxananiis miti. Madaala kaa’ufii barbaachisa. Read more