Hiika Ibaadaa

Offline dubbisuf

Hiika ibaadaa (gabbaruu, gabbarrii) irra deddeebi’uun bakka adda addaatti ilaalle jirra. Garuu namoonni hubannoo garagaraa waan qabaniif namoonni gariin haala tokkoon hubachuu yoo dadhaban haala biraatin carraan itti hubatan guddaadha. Kana hubannoo keessa galchuun hiika ibaadaa warra beekumsaa (ahlal ilm) irraa asitti ni dhiyeessina. Ibaadaa sirritti beeku fi hubachuun laa ilaah illallah sirritti akka beekanii fi hubatan nama gargaara.

Sheyni mufassirootaa kan ta’e imaamu Xabarii (rahimahullahu) ni jedha: “hiikni ibaadaa- ajajamuun Rabbiif of gadi qabuu fi of xiqqeessuun Isaaf gadi jechuudha.”

Ammas ni jedha: Araboota hunda biratti ubuudiyyaan (gabrummaan) hundeen isaa Az-Zillah (xiqqeenya). Karaan qaaca’aan miilli irra irra deemtu mu’abbad jedhamuun moggaafame… Ammas, gabrichi gabricha kan jedhameef bulchaa isaatiif waan gadi of xiqqeessufi. 

Akkasumas, Fira’awni akkana jechuun Nabii Muusaa fi Haarunitti akka dhaadate Rabbiin olta’aan ni hima:“Ummanni isaan lamaanii nuuf gabroota” (suuratu Al-Mu’minuun 23:47) Imaamu Xabariin ibsa kanaa ilaalchisee ni jedha: Kana jechuun: isaan (ummanni) isaaniif kanneen ajajamaniidha, of gadi xiqqeessaniidha, ajaja isaaniitiif ni ajajamu, isaaniif bulu.

Arabni nama mootiif bule hunda, “inni gabricha isaati” jechuun moggaafti…” Tafsiir Xabarii-1/69,160-18/25)

Ibn Kasiir (rahimahullahu) ni jedha: “Akka lugaatti ibaadaan [hundeen isaa] az-zillah (xiqqeenya) irraa kan ta’eedha. Ni jedhama: xariiqu mu’abbadu, ba’iiru mu’abbadu. Shari’aa keessatti [ibaadaan] jecha, “jaalala, gadi of qabuu fi sodaa guutuu” of keessatti qabateedha.” (Tafsiiru Qur’aanil Aziim 1/26)

Imaamu Baghawinis (rahimahullahu) jecha Rabbii olta’aa “Iyyaka na’abudu (Si qofa gabbarra)” jedhu ilaalchise akkana jedha: kana jechuun gadi of qabuun Si tokkichoomsina, Siif tole jenna. Ibaadah jechuun gadi of xiqqeessuu fi gadi of qabuu waliin ajajamuudha. Gabrichi gabricha kan jedhameef sababa xiqeenyaa fi masakamuu isaatiifi. Ni jedhama: xariiqu mu’abbad-kana jechuun karaa laaffifamee (qaacca’e)” (Tafsiiru Baghawi-1/55)

Ammas, hayyuun An-Nahaas jedhamu akkana jedha: “Akka lugaatti Ibaadaa jechuun gadi of xiqqeessuu fi of gadi qabuu waliin ajajamuudha.” (ma’aanil Qur’aani 1/46)

Jecha Rabbii olta’aa “Sheyxaana hin gabbarinaa” (suuratu Yaasin:60) jedhu keessatti jecha “ibaadaa (gabbarri)”jedhu, beektonni baay’een “ajajamuun” ibsan. Kana jechuun shayxaanaaf hin ajajaminaa. Haaluma kanaan, ibraahim abbaa isaatiin akkana jedhe, “Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin” (suuratu Mariyam:44) jedhu keessatti “ajajamuun” ibsan.

Ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Ibaadaan dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduu hundaaf maqaa wali galaati.

Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dhugaa dubbachuun, amaanaa deebisuun, haadha abbaa tola oolun, firummaa (rahimummaa) sufuun, waadaa guutuun, wanta sirriitti ajajuu fi wanta badaa irraa dhoowwuun, kaafirotaa fi munaafiqotatti qabsaa’un, ollaaf, yatimaaf, miskiinaaf, karaa deemaaf tola ooluun, du’aayin, zikriin, Qur’aana qara’uu fi kkf ibaadaa irraayyi.

Akkasumas, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuun, Rabbiin sodaachuu fi gara Isaatti deebi’uun, amanti Isaaf qulqulleessuun, murtii Isaatiif obsuun, qananii Isaatiif galata galchuun, murtii Isaatti gammaduun, Isarratti hirkachuun, rahmata Isaa kajeeluun, azaaba Isaa sodaachuu fi kkf ibaadaa irraayyi.”[1]  

Sheykh Abdullah Abu Baxiin (rahimahullahu) ni jedha: “Wanta kana ifa godhu keessaa tokko shari’aa keessatti daangaa ibaadaa beekudha. Wanti Rabbii fi Ergamaan Isaa ajaja dirqamaa ykn jaallatamaa itti ajajan hundi ibaadadha. (Kana jechuun wanti dirqamaa Rabbii fi Ergamaan Isaa namoonni akka hojjatan itti ajajan ibaadadha. Wanti jaallatamaan akka hojjatan itti ajajanis ibaadadha.)

Beektonni gariin, “ibaadaan ajajamuudha” jedhu. Kanaafu, wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irra dhoowwaaman dhiisu of keessatti hammata. Wanta Rabbiin subhaanahu itti ajaje keessaa tokko du’aayi fi Isa kadhachuudha. Ni jedha:

7:55

“Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaan kadhaa. Dhugumatti, Inni daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:55

Gabrichi ajaja Gooftaa isaatti yoo bulee fi mukhlisa ta’uun Isa kadhate (du’aayi godhe), kuni isa irraa Gooftaa isaatiif ibaadadha. Yoo Rabbiin ala kan biraa kadhate (du’aayi godhe) immoo, wanta kana gabbarree jechuudha. [Hadiisa] sunana keessatti Nabiyyii (SAW) irraa: “Du’aayin ibaadadha.” Jechuun dhufee jira. Hadiisa biraa keessattis, “Du’aayin dhuka ibaadati” jedhamee jira. Nabiyyiin (SAW) du’aayi ibaadaa jechuun moggaase. Du’aayin mataan isaatu ibaadadha. [Gadi of qabuu fi jaallachuun] wanti kadhatamu hundi gabbaramaadha.” (Risaalatu ta’asiis At-Taqdiisi fi kashfi talbiis Daawud bin Joorjiis-fuula 91-92)

Hiika ibaadaa ilaalchisee wanta beektonni kunniin asi olitti kaasan yeroo darbe wanta lama jalatti guduunfine jirra. Namni barbaadu duubatti deebi’ee “Hiika Laa ilaah illallah-kutaa 1ffaa” ilaalu danda’a.

Ibaadaa ilaalchisee hubannoo hanquu fi dogongoraa

Namoota keessaa nama ibaadaa hubannoo hanquu fi cinaa hubatetu jira. Isa biratti ibaadan mallattoolee gabbarri agarsiisan kanneen akka salaataa, zakaa, sooma, umraa, hajjii, zikrii, Qur’aana qara’uu… irra hin darbu. Huduuda, adabbii yakkaa, murtiwwan waliin hojjachuu, waraanaa, wali galtee, wal dhaalu fi kan biroo irraa seerri Rabbiin azza wa jalla kaa’ee fi baasee maqaa ibaadaa keessa hin seensisan. Kuni hubannoo dogongoraa wanta Rabbiin murteesse faallessuudha. Yommuu hubannoo dogongoraa sekulaarizimiin amantiif qabu dubbannu gara kanaatti akeekne jirra.

Ibaadaa ilaalchise hubannoon sirriin, amantiin guutuun ibaadaa keessa seena. Sheykhul Islaam Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Amantiin (diiniin) guutuun ibaadaa keessa seena… Diinin hiika of gadi qabuu fi xiqqeessu of keessatti hammata… Ni jedhama: yadiinu Allah, wa-yadiinu lillahi- kana jechuun Rabbiin gabbara, Isaaf ajajama, Isaaf gadi jedha. Diinin Rabbii: Isa gabbaruu, Isaaf ajajamu fi Isaaf gadi jechuudha.”[2]

Kanaafu, wanti Rabbiin azza wa jalla itti ajaje hundi ibaadaa keessa seenaa jechuudha.

Rabbiin azza wa jalla Isaaf hojii qulqulleessuun dirqama akka ta’ee ibaadaa fi wanta biraa keessatti addaan hin baasne. Kana irra, Isa qofa gabbaruu fi wanta Isaan ala jiran gabbaruu dhiisutti ajaja walii galaa ajaje. Gosoota ibaadaa keessa gosa tokko kanaan adda hin baasne. Salaatas ta’i, du’aayis ta’i isaan lamaan alatti gosa ibaadaa adda baasun “gosa ibaadaa kana keessatti ikhlaasni ni barbaachisa, gosa biraa keessatti hin barbaachisu” hin jenne. Kana irra, ibaadaa hunda keessatti hojii Isaaf qulqulleessutti (ikhlaasatti) ajaje. Ammas, gosoota ibaadaa keessaa gosa tokko shirkiin itti hayamamuu filatee adda hin baasne. Kana irra, ibaadaa hunda keessatti shirkii irraa ni dhoowwe. Amantiin Rabbiif qulqulluu ta’uu hin danda’u hanga ibaadaan gosa kamiyyuu Rabbiif qulqulluu ta’utti malee.

Kutaa itti aanu keessatti gosoota ibaadaa yommuu ilaallu hiika ibaadaa caalatti ni hubanna. Share gochuun namoonni akka qajeelanii fi ifa argataniif gumaacha haa goonu. Dhugumatti barnoonni tawhiidaa barnoota garmalee barbaachisaa namni kamiyyuu barachuu qabuudha. Faaydaa dhuunfaatiif jennee beekumsa Islaamaa yoo dhoksine, Guyyaa Qiyaamaa deebiin keenya maal ta’inna laata? Qur’aana keessatti:

2:174

Dhugumatti, warroonni kitaaba irraa wanta Rabbiin buusee dhoksanii fi gatii xiqqaa ittiin bitatan, isaan sun garaa isaanii keessatti ibidda malee hin nyaatan. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, isaan hin qulqulleessu, isaaniif adabbii laalessaatu jira.” Suuratu Al-Baqarah 2:174

Kitaaba irraa wanta Rabbiin buuse dhoksuun gatiin xiqqaan isaan bitatan ykn argatan, takkaa qabeenya takkaa immoo beekkamti fi sadarkaadha. Namni faaydaa fi barnoota aayah tana irraa fudachuu barbaadu, Arabiffa yoo beeke kitaaba kana fuula 261-265 haa dubbisu. Arabiffa yoo hin beekne fi wifi yoo hin fayyadamin saantima waan fixuuf hin tuqinaa. Hammi (Size) isaa 8.42MB: https://islaama.files.wordpress.com/2020/02/baqara-2.pdf


[1] Al-Ubudiyyah- Ibn Taymiya, fuula 19 [2] Al-Ubuudiyyah-fuula 24
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 98-113

Print Friendly, PDF & Email
Gosoota Ibaadaa Ragaa Waliin-Kutaa-1
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-Seensa
Offline dubbisuf

Leave a Reply