Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.1

Du’aan Booda Kaafamuu Mormuu
1-Akkuma beekkamu Guyyaa Aakhiratti amanuun arkaana iimaanaa jahan keessaa tokkoodha. Guyyaa Guddaa kana dubbachuu fi bakka baay’etti isa mirkaneessutti Qur’aanni kabajamaan xiyyeefannoo itti kennee jira. Tooftaa baay’eetti fayyadamuun akka argamu jabeessee jira. Guyyaa Qiyaamatti amanuu Rabbitti amanuun wal qabsiise. Akkuma jecha Rabbii olta’aa keessatti dhufe:

“Suni isin irraa nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanutu ittiin gorfama.” Suuratu Al-Baqarah 2:232

Qur’aanni Guyyaa Aakhirah (Dhumaa) dubbachuu baay’isee fi maqaalee adda addaatin waamee jira. Kan akka Al-Haaqqah, Al-Waaqi’ah, Al-Qiyaamah…

Guyyaa Aakhiratti amanuu jechuun Guyyaan kuni akka dhufu jala muranii dhugoomsu fi wanta dhugoomsun kuni namarraa barbaadu hojjachuudha. Kana keessa mallattoolee Qiyaamaatti amanuun, du’aa fi isa booda fitnaa qabriitti amanuun, azaabaa fi qananii qabriitti amanuun, xurumbaan afuufamuutti, uumamtoonni qabrii keessaa yaa’utti, iddoo wal-gahiitti walitti qabamuutti, galmeen hojii bittinaa’utti, miizaana dhaabutti, siraaxatti, hawdiitti, shafa’aatti, Jannataa fi ibiddatti amanuun ni seena.

Imaam Ax-Xahaawi Aqiidah isaa beekkamaa keessatti ni jedha: “Malaaykaa du’aa ruuhii aalamaa qabuuf bakka buufametti ni amanna. Azaaba fi qananii qabriitti ni amanna. Akkaataa odeefannoon Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam fi sahaabota isaa radiyallahu anhum irraa dhufeen gaafi Naakiri fi Munkar nama du’e Gooftaa isaa, amantii fi nabiyyi isaa ilaalchisee gaafatan ni amanna. Qabriin caffeewwan Jannataa keessaa caffee taati yookiin boollowwan ibiddaa keessaa boollo taati. Du’aan booda kaafamutti, Guyyaa Qiyaamaa jazaa hojiitti, qorannotti, kitaaba [hojiin keessatti galmaa’e] dubbisuutti, mindaa fi adabbiitti, siraaxaa fi miizaanatti ni amanna. Jannataa fi ibiddi uumamtoota, gonkumaa hin badan.” (Aqiidatu Al-Xahaawi-fuula 25-26)

Sa’diin firiiwwan Guyyaa Aakhiratti amanuu irraa argamuu dubbate. Wanta inni jedhe keessaa: “Guyyaa kana beekumsa dhugaa beekuun namaaf balbala sodaa fi abdii bana. Qalbiin sodaa fi abdii irraa duwwaa yoo taate, jigiinsa guutuu jigdi. Isaan lamaaniin yoo faayamte immoo, sodaan ma’asiyaa irraa akka of qusatu isa taasisa, abdiin immoo Rabbiif ajajamuu isaaf laaffisa. Dhimmoota irraa sodaatanii fi of eeggatan bal’innaan beekun malee kuni hin guuttamu. Kan akka haala qabrii fi ciminna isaa, haala wal gahii ulfaataa, amaloota ibiddaa nama rifachiisanii beeku. Jannataa fi wanta ishii keessa jiru irraa qananii itti fufaa, gammachuu, qananii qalbii fi boqonnaa qaamaa beeku, sababa kanaan dharraan gara wanta jaallatamaa argachuuf qabsaa’utti nama kakaasu ni argama.

Ammas, hojiiwwan gaggaarii fi babadoof jazaa kafaluu keessatti tolaa fi haqummaa Rabbii beekuu. Hamma gabrichi mindaa fi adabbii bal’innaan beeken tola Rabbii, haqummaa fi ogummaa Isaa beeka.” Tafsiiru Sa’dii- 1/29

Ammas ni jedha: Dhugumatti, kaafamaa fi jazaatti amanuun hundee fooyya’iinsa qalbiiti. Hundee kheeyri kajeeluu fi sharrii irraa dheessuti. Isaan lamaan bu’uura wantoota gaggaariti.” (Tafsiiru sa’dii-1/360)

Guyyaa Aakhiraatti amanuu keessaa tokko: du’aan booda kaafamutti amanuudha. Innis Rabbiin olta’aan du’a isaaniitiin booda uumamtoota kaasudha. Du’aan booda kaafamu Qur’aanni fi sunnaan, sammuu fi fixraan ni agarsiisu. Rabbiin olta’aan namoota qabrii keessa jiran akka kaasu dhugaadhaan shakkii tokko malee ni amanna. Ruuhin gara qaamolee ni deebiti. Ergasii namoonni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Ergasii dhugumatti isin san booda ni duutu. Ergasii dhugumatti isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu. Suuratu Al-Mu’minuun 23:15-16

Muslimoonni mirkanaa’u isaa (du’aan booda kaafamu) irratti wali galanii jiru. Kuni wanta ogummaan barbaachisudha. (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana iddoo qormaataa godhee jira. Ammas, Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun namoota waan gaaritti ajaje fi waan badaa irraa dhoowwe jira. Kanaafu, wanta ajajee fi dhoowwe kanaaf yeroo fi bakka isaan itti qoratuu fi jazaa isaaniif kafalu godhee jira.) Ni jedha:

23:115

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 219-220 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.2
Dubbii Iimaana Diigu-kutaa 10.2

Leave a Reply