Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 7

Offline dubbisuf

Nabii Muusaaf Kitaabaa kennuu fi ummataaf qajeelfama gochuu

32:23

Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra. Kanaafu, isa qunnamu irraa shakkii keessa hin ta’in. Ilmaan Israa’iliif qajeelfama goone.” Suuratu As-Sajdah 32:23

Kana jechuun dhugumatti, Yaa Muhammad (SAW) akkuma siif Qur’aana kennine Muusaafis Tawraatin kenninee jirra. Kanaafu, Halkan Israa Muusaan wal qunnamu hin shakkin.[1] Aayah tana ilaalchise kuni hiika mufassiroonni baay’een kennaniidha.

Hiikni biraas akkana ta’a: Yaa Muhammad (SAW) akkuma siif Qur’aana kennine, Muusaafis Tawraatin kennine. Kanaafu, azaan (rakkoon) Nabii Muusaa qunname Sihis akka qunnamu hin shakkin. Kuni wanta jiruudha. Akkuma nabii Muusaan rakkifame, Nabii Muhammadis (SAW) baay’ee rakkifame.[2]

“Ilmaan Israa’iliif qajeelfama goone” Kana jechuun Tawraatin ilmaan Israa’iliif qajeelfama goone. Gara haqaa fi karaa qajeelaatti isaan waama.[3]

32:24

“Yeroma isaan obsanii aayaata (mallattolee, ragaalee, keeyyattota) Keenyatti dhugaan amanan, isaan keessaa hoggantoota ajaja Keenyaan [namoota] qajeelchan taasifne.” Suuratu As-Sajdah 32:24

Kana jechuun ilmaan Israa’iil keessaa hoggantoota gara kheyriitti ajaja Keenyaan namoota qajeelchanii fi waaman, kan namoonnis itti hidhatan (hordofan) goone. Sadarkaa kana kan gahan yommuu ajajoota Rabbii bakkaan gahuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu irratti obsanii fi karaa Isaa keessatti azaa (rakkoo) baadhataniidha. Aayaata Rabbiitti shakkii tokko malee dhugaan ni amanuu turan.[4]

“ajaja Keenyaan” kuni takkaa ajaja shari’aa ta’uu danda’a, takkaa immoo ajaja kawnii ta’uu danda’a. Ajajni shari’aa kitaaba Rabbiin buusedha. Kunis, ilmaan Israa’iil keessa hoggantoonni kunniin beektota kitaaba Rabbiin irraa bu’e barachuun namoota barsiisu. Kanaafu, kitaaba kanaan namoota ni qajeelchu jechuudha. Ajajni kawni immoo murtii fi hayyama Rabbiitiin hoggantoonni kunniin namoota ni qajeelchu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanarratti isaan jabeessa.[5]  

Barnoonni guddaan aayah tana irraa baratamu: amanti keessatti obsaa fi yaqinaan hoggantummaa argatan. Asitti hoggantummaan namoota gara karaa sirriitti qajeelchu fi namoonni nama kana hordofuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko balaa guddaa irratti obsee yoo darbe, namni biraas isa ilaalun ni obsa. Kanaafu, namni jalqabaa nama lammataatiif hogganaa ta’a.

Hanga hoggantummaa irra gahanitti ilmaan Israa’il dhimma amanti barachuu fi ragaalee adda addaa dhiyeessuu itti fufan. Ergasii dhimmi amanti ilmaan Israa’il irratti wal dhaban ni argame. Isaan keessaa nama haqa qunnametu jira. Isaan keessa nama dogongoraan ykn osoo beeku dogongoretu jira. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan jidduutti murteessa. Itti aanse ni jedha:

32:25

Dhugumatti, wanta isaan keessatti wal dhaban ilaalchisee Guyyaa Qiyaamaa Gooftaan kee isaan jidduutti ni murteessa.” Suuratu As-Sajdah 32:25

Kana jechuun: Yaa Rasuula! Gooftaan kee dhimmoota amanti irraa wanta isaan irratti wal dhaban ilaalchisee ilmaan Israa’ili fi kanneen biroo irraa mu’mintootaa fi kaafiroota jidduutti Guyyaa Qiyaamaa haqaan ni murteessa. Nama hundaa hojii isaatiin jazaa isaaf kafala. Kan Jannata seenu qabu Jannata seensisa, kan ibidda seenu qabu ibidda seensisa.[6]

Addunyaa keessatti mu’mintoota fi kaafironni dhimmoota amantii keessatti wal dhabu (wal faallessu). Mu’mintoonni “Kuni haqa” yommuu jedhan, kaafironni immoo “lakki haqaa miti” jedhu. (Fakkeenyaf, tawhiidaa fi du’aan booda kaafamu ilaalchisee mu’mintoota fi kaafironni wal dhabu. Mu’mintoonni “kan gabbaramu qabu Rabbiin qofa, tawhiinni haqa, shirkiin soba.” jedhu. Kaafironni immoo “Lakki, Rabbiin alatti wanta biraatiif ibaadan (gabbarriin) ni mala” jedhu.) Garuu Guyyaa Qiyaamaa wanta isaan irratti wal dhaban kana ilaalchise isaan jidduutti ni murteefama. Namni haqa irra jiru ifa baha.[7] Namni soba irra tures ifa baha. Ergasii warri haqaa gara Jannataa deemu, warri sobaa immoo gara ibiddaa deemu.

Dhaloonni sababa badii isaaniitiin addunyaa irraa duguugaman baay’eedha

32:26

“Isaaniin dura dhaloota iddoo jireenya isaanii keessa deeman meeqa akka balleessinee isaaniif ifa hin taane? Dhugumatti kana keessa mallattooleetu jira. Sila hin dhagayanii?” Suuratu As-Sajdah 32:26

Kana jechuun sila namoota Rasuula kijibsiisan kanniiniif, isaaniin dura dhaloota baay’ee akka balleessinee ifa hin taanee? Sababa isaan Ergamtoota isaanii kijibsiisaniif dachii irraa Rabbiin isaan xuruure (ni balleesse).

iddoo jireenya isaanii keessa deeman[8] kana jechuun warri Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisan iddoo jireenya warra badanii keessa deeman. Kuffaarri Makkaa daldalaa fi imalaaf gara Shaam yommuu deeman iddoo jireenya Samuud, Aadi fi ummata Luux biraan ni darbu turan. Iddoo jireenyaa kana keessatti nama tokkollee hin argan. Sababa badii isaaniitiin dachii irraa ni xuruuraman. Kuni isaaniif barnoota hin ta’uu? Kanaafi itti aanse ni jedha: “Dhugumatti kana keessa mallattooleetu jira.” Kana jechuun namoonni sunniin baduu fi sababa Ergamtoota kijibsiisuu isaaniitiif wanta isaaniitti bu’e keessa mallattoolee, ragaalee, barnootaa fi gorsatu jira.[9] Namni mallattoolee kanniin ilaalun itti xinxalluu Ergamtoonni Rabbii dhugaa akka ta’an, shirkiin ummanni isaanii irra turan soba ta’uu fi namni hojii ummata badan kanaa hojjate akkuma isaanii akka baduu ni hubata. Akkasumas, Rabbiin gabrootaf jazaa kan kafaluu fi du’aan booda kan kaasu ta’uu ni beeka.   

Sila hin dhagayanii?” Kana jechuun warroonni Ergamtoota kijibsiisan kunniin gorsaa fi ragaalee Rabbii hin dhagayanii?[10] Gorsaa fi ragaalee kanniin dhagayanii itti hin fayyadamanii?


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-416
[2] Tafsiir Qurxubii-17/41, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 109
[3] Tafsiir Muyassar-416
[4] Madda olii
[5] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 113, Tafsiir Xabarii-18/637, Tafsiir Sa’dii-771, Tahriir wa tanwiir-21/237
[6] Tafsiir Muyassar-416 [7] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 116
[8] Tarii kuni hiika kanas qabaachu danda’a: “Dhaloonni darban osoo iddoo jireenya isaanii keessa deemanu balleessine.” (Tafsiir Qurxubii-17/44)
[9] Tafsiir Muyassar-417, Tafsiir Ibn Kasiir-6/151
[10] Tafsiir Muyassar-417, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 119

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Xumura
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply