Akkaataa wudu’aa
Humraan akkana jechuun gabaase: Usmaan ibn Affaan (radiyallahu anhu) bishaan wudu’aa akka isaaf fidan ajaje. Ergasii innis wudu’achuu jalqabe. Harka isaa si’a sadii sadii dhiqatee. Ergasii afaan isaa ni shafatee, funyaan isaa keessa bishaan seensisuun ni baase. Ergasii fuula isaa si’a sadii dhiqe. Ergasii hanga ciqilee gahuutti harka isaa mirgaa si’a sadii ni dhiqe. Akkuma kana harka isaa bitaas ni dhiqe. Ergasii mataa isaa ni haxaawe. Ergasii miila isaa mirgaa hanga kiyyoo gahuutti ni dhiqe. Ergasii akkuma kana miila isaa bitaas ni dhiqe. Ergasii akkana jedhe: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam wudu’a akka kiyyaa kana kan wudu’atu arge. Ergasii Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhe: “Namni wudu’a akka kiyyaa kana wudu’atee ergasii olka’ee osoo nafsee isaatti homaa hin hasaasin raka’aa lama salaate, badii isaa irraa wanti darbe isaaf araaramama.” Sahiih Muslim 226
Itti Haa Fufnu