Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 7

Gorsa Luqmaan Ilmaaf kenne-kutaa 2ffaa
Luqmaan ilma isaa shirkii irraa erga akeekachiisee booda wanta hojjatu hundaaf akka qoratamu ilma isaatti akeeke. Namni wanta hojjatu hundaaf gara fuundaaratti (Guyyaa Qiyaamaa) akka qoratamuu fi jazaa argatu yoo beeke, wanta badaa irraa ni fagaata, wanta gaarii immoo ni hojjata. Kanaafu, Rabbii olta’aatti haala sirriin amanuu waliin qorannoo fi jazaa Guyyaa Qiyaamaatti amanuun nama daandii sirrii irra kaa’a. Kanaafi, Luqmaan gamna ta’e akkana jechuun ilma isaa gorse:

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 5

Gorsa Luqmaan Ilmaaf KenneKutaa 1ffaa
Dhugumatti gorsi abbaan ilmaaf kennu baay’ee barbaachisaa kan ta’eedha. Sababa gorsa abbaatin takkaa ilmi ni qajeela takkaa immoo ni daba. Gorsi abbaa gaarii yoo ta’e ilmi qajeelu danda’a. Badaa yoo ta’e immoo dabuu danda’a. Kanaafu, abbaan ilma isaa yommuu gorsu, gorsa hundarra bareedaa filachuu qaba. Wanti jalqabaa abbaan dhimma ilmaatti xiyyeeffachu qabu, aqiidaa (amantii) isaatii. Jireenyi namaa amanti sirrii ta’e irratti yoo hin ijaarramin, namni jireenya gaarii fi gammachuu qabdu jiraachu hin danda’u. Hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, kuni gammachuu fi tasgabbii inni barbaadu isaaf hin fidu. Kanaafi, Luqmaan gamna ta’e ilma isaa gorsu yommuu jalqabu, amanti irraa jalqabe. Gorsa isaa kana mee haa ilaallu:

Itti Haa Fufnu
1 3 4 5 6 7 18