Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 4
Kutaa darbe irraa itti fufuun tafsiira (ibsa) Suuratu Yuusuf ilaalu itti fufna.
Itti FufiIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Kutaa darbe irraa itti fufuun tafsiira (ibsa) Suuratu Yuusuf ilaalu itti fufna.
Itti FufiSababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan ilaalu osoo itti fufnu jidduun dhaabne. Amma bakka dhaabbanne irraa itti fufuun sababoota hafan haa ilaallu.
Dabalata DubbisuufJi’a lamaaf sababa kitaaba “Yaadaa fi Milkaa’ina” jedhu waliin ko’oomaa turreef addaan baane turre. In sha Allah kitaabni kuni yeroo maxxanfametti harka keessan gahee akka irraa fayyadamtan abdiin qaba. Amma, seenaa mi’aawaa waliin bakka dhaabbanne irraa kaanee itti haa fufnu.
Itti Haa FufnuMilkaa’innaaf ni dheebottanii? Iccitii milkaa’inaa argachuu barbaadduu? Dhugumatti, akkamitti akka milkaa’an beekun karaa milkaa’innaa keessa deemu jalqabuudha. Kitaabban dhiibbaa (influence) guddaa Turkii keessatti uuman keessaa tokko kitaabni Düşün ve Başar (Yaadaa fi milkaa’inna)” jedhu gara Afaan Oromootti hiikuun gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Kitaabni kuni tarkaanfi tarkaanfin akkamitti akka milkaa’an namatti akeeka. Namni tarkaanfilee kanniin hordofe hayyama Rabbiitiin ni milkaa’a. Ammaaf kitaaba kana boqonnaa (tarkaanfi 1ffaa) asitti ni dhiyeessina. Guutuu isaa in sha Allah yommuu gabayaa irra oolu isin beeksifna. Tarkaanfi 1ffaa buufachuuf as tuqaa: https://sammubani.com/wp-content/uploads/2021/08/yaadaa-fi-milkaaina.pdf
Dhimmi hundarra barbaachisan amanti ofii sirnaan beekuu fi odeefannoo gahaa qabaachudha. Namni amanti ofii sirnaan yoo hin beekin, dukkana jireenyaa keessatti kufuun dhama’a. Dhugumatti, hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekun dirqama nama hundaati. Sababni isaas, namni addunyaa tana keessatti gammachuun kan jiraatuu fi Aakhiratti adabbii jalaa nagaha kan ittiin bahuu hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekee hojii irra yoo oolche qofaadha.
Namoonni baay’een hiikni Islaamaa maali? Laa ilaaha illallah jechuun maal jechuudha? Jedhamanii yommuu gaafataman, deebii deebisuuf ni rakkatu. Kuni takkaa beekumsi kana isaaniif ibsuu isaan bira hin geenye ta’a takkaa immoo beekumsa kana barbaadu irraa ni garagalan. Rakkoo kanaaf furmaata fiduuf kitaabni kuni haala salphaan kan qophaa’edha. Kitaaba kana keessatti hiika Islaamaa, Tawhiida, gosoota isaa, hiika Laa ilaah illallah fi ulaagaalee jecha tanaa ni argattu. Kuni hundi Qur’aana fi hadiisa sahiih irratti kan hundaa’edha.
Kitaaba kana “Mana kitaaba Al-Tawba” Masjiida Anawaar biratti argamuu keessatti ni argattu. Gara masjiida Anawaar seenuuf yommuu taatan gara mirgaatti yommuu mil’attan mana kitaaba At-Tawba (“አል-ተውባ መጽሐፍ መደብር-Al-Tewba Bookstore” jedhu ni argitu. Namni gara Finfinnee dhufu hin dandeenye warra kitaaba gurguranitti kitaaba kana agarsiisuun akka isaaf fidan gochuu danda’a.
Shakkii hin qabu naannoon jiraattota irratti dhiibbaa qaba. Saniifi, mu’iminni amanti isaa keessatti akka hin qoramneef Nabiyyiin (SAW) mushrikoota waliin gurmaa’u, isaan waliin taa’u fi isaan waliin jiraachu irraa dhoowwe. Iccitiin dhoowwa kana keessa jiru, naannoo badaa qajeelfamoonni bu’uuraa, akhlaaqni fi amantin itti bade keessatti akkasumas, hawaasni akka horii kaayyoon isaanii ol’aanan fedhii ofii guuttachuu ta’ee keessatti dhiibbaan mu’minarra gahuu danda’a. “Isaan akka horii malee homaayyu miti. Inumaa san caalaa karaa irraa kan jallataniidha.” (Suuratu Al-Furqaan 25:44)
Itti FufiKutaa darbe keessatti waa’ee abjuu ilaalle jirra. Tuqaalee ijoo abjuun wal qabatan kaasne jirra. Yaadachisaaf abjuun bakka sadiitti qoodamti: Abjuu gaarii Rabbiin irraa gammachiisa taate, abjuu haasasa nafsee fi abjuu nama gaddisiistu tan sheyxaana irraa taatedha. Har’as itti fufuun barnoota aayah armaan gadi lamaan irraa guduunfannu ilaalla.
Itti FufiKutaa darbe keessatti Islaama qabachuu keessatti dhiibbaa maatiin namarraan gahu ilaalle jirra. Amma seenaa warra dhiibbaa maatii danda’anii ilaalla. Tarii kanaaf fakkeenyi ifaa seenaa Nabiyyi Rabbii Ibraahimi. Ibraahim (aleyh salaam) yommuu da`awaa babal’isuu fi qabachuu irraa isa dhoowwuuf dhiibbaan abbaa fi ummata isaa irraa ni qunname. Garuu inni dhiibbaa kanaaf gadi jechuu ni dide. Amantii isaatiif jedhee nafsee fi qabeenya isaatiin wareega kafalun karaa isaa itti fufe. Kanaafi, Rabbiin akkana jechuun isa faarse:
Itti Fufi19-Dhiibbaa Haadha Manaa
Itti FufiAbjuu Dhugaa Arguu
Itti Fufi