Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 18.1
19-Dhiibbaa Haadha Manaa
Itti FufiIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
19-Dhiibbaa Haadha Manaa
Itti FufiYeroo ammaati fi durii wantoota Islaama irraa duubatti akka deebi’an ykn Islaama keessa taa’uun wanta isa faallessu akka hojjatan nama taasisu keessaa tokkoo qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachudha. Gufuun guddaan yeroo ammaa Muslimoota Itiyoophiyaa muudataa jiru keessaa tokko dhaabbata jabaa ‘Majliisa gaarii’ dhabuudha. Majliisni jabaa akka hin taane namoonni gufachiisan warra qabeenya jaallatuu fi hiyyummaa sodaatudha. Kanarraa kan ka’e, qabeenya ummata ni saamu, inumaa wanti kana caalu amanti (aqiida) ummataa booressuuf ahbashiin alaa fidatu. Kuni hundi qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachudha. Mee sababa 18ffaa Islaama akka hin qabanne nama taasisu haa ilaallu.
Itti Haa FufnuAjaa’iba namni gariin saalfachuun milkaa’inna irraa duubatti deebi’a. Islaama waan hordofuuf nama keessa isaatti qaaniin itti dhagahamutu jira. Inumaa, wanti kanarra badaan namoota saalfachuun Islaama qabachuu dhiisudha. Islaama qabachuu kootiif maaliif namoota saalfadhaa? Isaan eenyu ta’aniitin isaan saalfadhaa? Saalfannaan wanta badaa irraayyi malee karaa milkaa’innaa keessa deemu saalfachuun wanta hin jirreedha. Shamarri hijaaba uffattu saalfachu hin qabdu, dargaggeessi areeda dheeressuu fi surree gabaabsu saalfachu hin qabu. Kana irra, hijaabni kabajaa ishii akka ta’ee sirritti beeku qabdi. Sababoota Islaama akka hin qabanne nama taasisan keessaa tokko namoota saalfachuudha.
Itti Haa fufnuKutaa darbe irraa itti fufuun waa’ee salaata halkanii ilaalla. Salaanni halkani salaata Ishaa’in booda salaatamuudha. Keessumayyu erga rafanii booda halkan qixxee ykn gara dhuma halkanii (sa’aati 9tti) ka’uun salaatama. Salaanni halkanii sadarkaa fi faayda guddaa akka qabu barruulee “Gabroota Ar-Rahmaan” jedhu jalatti ilaalle jirra. Har’as itti fufuun wanta xiqqoo itti daballa.
Itti Haa FufnuKutaa darbe irraa itti fufuun sababoota duubatti deebi’iinsaa ni ilaalla:
Itti Haa FufnuBalaan Of-Dinqisiifachuu inni guddaa ta’e abbichi Islaama irraa duubatti deebi’uu fi kufrii irratti du’uudha. Kanaaf, seenaan armaan ragaa ta’a. Seenaa kana dubbisnee balaa of-dinqisiifachu sirritti haa hubannu.
Itti Haa FufnuKutaa darbe keessatti sababa 15ffaa namni da’awaa erga jalqabee booda duubatti itti deebi’u ykn hojii gaggaarii hojjachuu erga jalqabee booda gara badiitti itti mucucaatu ilaalle jirra. Sababni kunis, ‘Al-Ghuruur (Of-dinqisiifachuu)’ dha. Ammas itti fufuun wanta achirraa hafe ni ilaalla.
Read moreYeroo ijoollummaa kootti yommuu namoota khaatima badaa irratti du’an dhagayu, maaltu khaatima badaatti akka isaan geessu beekuuf hawwii guddaan qabaa ture. Alhamdulillah haala guutuu ta’een kitaaba ‘Min akhbaaril muntakisiina’ jedhu keessatti argachuu kootiif gammachuu guddaatu natti dhagayama. Kanaafu, gammachuu kana isiniif qoodu fi balaa khaatima badaa irratti du’uu irraa akka of eegnuf kitaaba kana gara Afaan Oromootti hiikaa jira. Xumuruuf fuula muraasatu hafe. Hanga hiikkame haala kanaan gabaabsine dhiyeessu itti fufna. Amma mee sababa 15ffaa haa ilaallu.
Dabalata DubbisuufKutaa darbee keessatti sababa 14ffaa Islaama erga qabatanii booda akka duubatti deebi’an nama taasisan ilaalle jirra. Sababni kunis: Amanti keessatti daangaa darbuu fi wanta nafseen hin dandeenye itti fe’uudha.
Itti Haa Fufnuu?Assalamu aleykum wa rahmatullahi wabarakaatuh. Ji’a tokko oliif erga addaan banne booda kunoo walitti dachaane. Qormaata addunyaa tokko waliin osoo wal’aanso baanu addaan fagaanne. Amma qajeelotti mata-duree keenyatti seenna.
Dubbisuu Itti fuftuu?