Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.2
Nabiyyoota hafan (nageenyi isaan irratti haa jiraatu)
1-Jalqaba irratti barbaachisummaa Nabiyyootatti amanuu kaasna. Nabiyyootatti amanuun karaa gara Rabbiitti amanuutti nama geessu waan ta’eef barbaachisummaan isaa ifa bahaadha. Nabiyyootatti amanuun malee Rabbii jabaa guddaatti amanuun galma hin gahu.