Hojii Iimaana diigu-Kutaa 7.1
Kutaa darbee irraa itti fufuun hojii iimaana diigu ni ilaalla. Kutaa kana keessatti Ka’abaan alatti wanta biraa irratti xawaafa gochuun shirkii fi hojii iimaana diigu akka ta’e ni mirkaneessinna
Itti haa fufnuIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Kutaa darbee irraa itti fufuun hojii iimaana diigu ni ilaalla. Kutaa kana keessatti Ka’abaan alatti wanta biraa irratti xawaafa gochuun shirkii fi hojii iimaana diigu akka ta’e ni mirkaneessinna
Itti haa fufnuKutaa darbee keessatti Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudun shirkii akka ta’e mirkaneessinee jirra. Garuu shari’aa Nabii Muhammaditiin (SAW) dura namoonni nama biraatiif sujuuda akka turan ni beekkama. Kuni akkamitti ilaallama jedhee namni gaafachu danda’a. Barreefamni gabaabdun armaan gadi kana ifa gooti.
Itti Haa FufnuKutaalee darban keessatti Rabbiin ala wanta biraatiif silati seenuu fi qalma qaluun (wareegun) shirkii akka ta’e ilaalle jirra. Har’as itti fufuun Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudu fi ruku’a bu’uun (mataan gadi jechuun) shirkii akka ta’e ni ilaalla. Isin qophiidhaa?
Read moreJi’oota muraasan dura dubbiiwwan iimaana diigan ilaalle jirra. Hojiwwan iimaana diiganiis ilaalu jalqabnee osoo hin xumurin jidduun dhiifne. Amma bakka itti dhaabne irraa jalqabuun adeemsa keenya itti fufna. In sha Allah, barruulee kanniin haala kitaabatin walitti qabuun guyyaa tokko mana kitaabaa keessatti akka argannu ni abdanna.
Itti Haa FufnuKutaa darbe keessatti wareegni (qalmi), nazriin (silatin), sujuunni fi ruku’unni ibaadaa akka ta’an ilaalle jirra. Har’a immoo ibaadawwan kanniin Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun shirkii akka ta’ee fi iimaana akka diigu ni ilaalla.
Itti Haa FufnuKutaa darbe keessatti wareegni (qalmii) gosoota ibaadaa keessaa tokko akka ta’e ilaalle jirra. Qalmii ibaadaa kan ta’uu Gabbaramatti dhiyaachuuf, Isaaf gadi of qabuuf yoo niyyatameedha. Kanaafu, qalmi haala kanaan qalame Rabbii tokkichaaf malee hin ta’u. Namni qalma akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Kanaafu, hojiin isaa kuni hojii iimaana isaa diigudha jechuudha. Har’as itti fufuun gosoota ibaadaa biroo ilaalla. Gosoota ibaadaa sirriitti beekun keenya shirkii irraa of eeggannoo guddaa akka goonu nu gargaara.
Itti Haa FufnuHanga ammaatti dubbii iimaana faallessuu fi diigu ilaalaa turreera. Amma immoo hojii iimaana diigu ilaalla. Akkuma seensa keessatti jenne iimaanni dubbii fi hojii of keessatti qabata. Kufriinis akkuma kana dubbii fi hojii of keessatti qabata. Akkuma iimaanni dhugoomsu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabatu, kufriinis kijibsiisu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata. Akkuma keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah agarsiisan. Fakkeenyaf jecha Rabbii olta’aa:
Itti Haa Fufnu4-Beektonni nama amantii irraa murtii dirqamaan beekkame morme kafarsiisu irratti wali galanii jiru. Ijmaa’a (wali galtee) kana beektonni baay’een dubbatanii jiru. Isaan keessaa kanneen armaan gadiiti:
ıTTİ hAA fUFNUAkkaataa murtii amantii irraa dirqamaan beekkaman mormuun kufrii itti ta’u
Itti Haa FufnuAmantii Irraa Murtii beekkamaa mormuu
1-Jalqaba irratti mata-duree kutaa kanaa: “Amantii irraa murtii dirqamaan beekkamu mormuu” hiikna. Asitti mormuun hiika waakkachuu, amanuu dhiisu fi mirkaneessu didu qaba. Amanti irraa dirqamaan murtii beekkamaa jechuun: murtiiwwan amantii irraa wanta zaahiraa (ifaa) namoota addaa kan akka aalimmanii fi namoota wali gala biratti beekkamaa ta’ee fi aalimman wali galtee jala muraa irratti wali galaniidha. Fakkeenyaf kan akka salaataa, zakah, fi kkf, wantoota haraamaa ifaan ifatti dhoowwaman. Fakkeenyaf kan akka ribaa (dhala), zinaa, khamrii fi kanneen biroo. Kunniin hundi amanti keessatti murtiwwan beekkamo ta’aniidha.