Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 4
Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, akkuma barataan dadhabaa fi cimaan daree qormaata keessatti walitti makaman, addunyaa tana keessattis namoonni badoo fi gaarii ta’an walitti makamu. Garuu akkuma yeroo firiin qormaataa ibsamu barataan dadhabaa fi cimaan addaan baafamu, namoonni badoo fi gaarii ta’anis Guyyaa Qiyaamaa addaan baafamu. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa firiin qormaata namootaa ibsamuudha. Kanaafu:
Itti Haa Fufnu