Sababootaa fi Furmaata waliin oduu warra duubatti deebi’anii-Kutaa-3

Kutaa darbe keessatti sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa sababa tokko ilaalle turre. Innis, “Du’aayitti xiyyeefannoo kennuu dhiisudha.” Akka yaadannootti namni du’aayi gochuun Rabbii olta’aa irraa gargaarsa argata. Karaa Islaamaa irra deemuuf gargaarsa cimaa barbaachisa. Kanaafu, gargaarsa kana argachuuf du’aayin wanta hafuu hin qabneedha. Namni yeroma du’aayi gochuu dhiisu, gargaarsa dhaba. Sababa kanaan, Islaama qabachuu irraa ni laafa. Har’as itti fufuun sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa sababa 2ffaa ni ilaalla:

Itti Haa Fufnu

SABABOOTAA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA FOOYYA’IINSA BOODA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA-2

Kutaa darbe keessatti barbaachisummaa kitaabichaatii fi hiika intikaasaa ilaalle jirra. Intikaasa jechuun erga fooyya’anii fi Islaama qabatanii booda gara duubatti deebi’uudha. Nama Islaama qabatee fi haala gaariin fooyya’e tokko ni argina. Garuu yeroo muraasan booda namuma kana Islaama kan gadi dhiise ykn laaffisee fi haala badaatti kan deebi’u ta’ee argu dandeenya. Kuni sababa qaba. Kanaafu, erga Islaaman faayamne booda duubatti deebinee akka hin bushoofnef yoo sababoota duubattti nama deebisan beeknee irraa of qusanne maal isinitti fakkaataa?

Itti Haa Fufnu

Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu warra Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Seensa

Kutaa darbe keessatti dursa kitaaba “Min Akhbaaril Muntakisiina (oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii)” jedhu jalqabne jirra. Dhugumatti, kitaaba kana keessatti wantoota ajaa’ibaa baay’ee arguuf jirra. Kitaabni kuni seenaa dhiyeessun garmalee nama hawwata. Sammubani.com’s osoo guutuun isaa gara Afaan Oromootti hiikkame ummata bira gahee gammachuu guddaatu itti dhagahama. In sha Allah hanga dhumaatti yoo waliin turre gammachuu kana waliin qoodanna. Haala kitaabaanis maxxanfame ummata bira akka gahuu abdii guddaa qabna. Amma gara hiikkaa kitaabaatti haa dabarru:

Itti Fufi

Seenaa Abdullah Ibn Jud’aan

Yommuu namni Makkaan keessatti waa’ee yeroo jaahilummaa yaadu, maqaaleen gariin sammuutti ni dhufu, kan akka Abdul Muxxalib-Akaakayyu Nabiyyii (SAW), ykn Waraqa ibn Nawfal. Garuu nama biraa barbaachisa yeroo ammaa xiqqoma yaadatamu tokkotu jira: Abdullah ibn Jud’an, ilma abbeeraa abbaa Abu Bakr Siddiiq kan ta’eedha. Yeroo jalqabaa jireenya isaa keessatti Abdullah ibn Jud’aan nama milkaa’as gammachuu qabus hin turre. Dhugumatti, beelaa fi hiyyummaan guddachuun jireenyi isatti hadhoofte. Hara galfachuuf ykn immoo tarii rakkoo keessaa bahuuf badiitti ni qajeele, yakka baay’ees raawwate. Gocha isaa badaaf yeroo baay’ee qabame. Namoonni namni kuni sharrii kan bakka bu’uu fi karaan itti fooyya’u akka hin jireetti yaadan. Gosa isaa, maatii isaa inumaa abbaa isaa dabalatee namni hundu isa jibba. Inni jibba san miira jabaa ta’een deebisa.

Read more

Sababootaa fi furmaata waliin oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Dursa

Seenan haa lakkaa’u namoota erga fooyya’anii fi kaabbaa iimaanaa diratanii booda ofirraa mulquun iddoo badaa duraanitti ykn san caalutti deebi’an meeqa ta’uu? Namoota akkanaatiin muntakisiina jennaan. Dhugumatti, erga qajeelanii booda jallachuun, erga kabajamanii booda salphachuun, erga milkaa’uf hammi xiqqoon nama hafu kufaatiitti kufuun hangam nama rifachiisaa, hangam nama gaddisiisaa! Salafoonni dhuma (khaatimaa) badaa sodaachuun khaatima gaarii irratti du’uuf wanta danda’an hunda godhu. Dhugumatti, xumurri hundu sababa qaba. Kanaafu, sababoonni fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’anii fi khaatima badaa irratti akka du’an nama taasisan baay’eetu jiru. Kitaaba “Min Akhbaaril muntakisiina” jedhu keessatti furmaataa fi seenaa waliin sababoota kanniin ni dhiyeessa. Sammubani.com’s hanga danda’uun gara Afaan Oromootti deebisuun isiniif dhiyeessa. La hawla walaa quwwata illah billah.

Itti Haa Fufnu
1 2 3 4 5 74